Waraanni murna bilxiginnaa maanguddoo ganna 75 obbo Dhaqqabaa Waariyoo aanaa Shaashamannee keessatti deebisee hidhe.
ONM – ABO – Amajjii 14, 2023 Ilaalcha siyaasaa murna Itoophiyaa bara dhufaa darbaa hin deggeetu jedhamuun umrii isaanii keessatti yeroo garaagaraatti hidhaaf saaxilamuun miidhaan qaamaa, qabeenyaa fi qorqalbii irra ga’an ture sabboonaa fi jaarsa biyyaa obbo Dhaqqabaa Waariyoo jedhamu ammas badii tokko malee qabanii hidhan.
Maanguddoon obbo Dhaqqabaa Waariyoo jedhaman jiraataa godina Arsii lixaa aanaa Shaashamannee magaalaa Kuyyeeraa yoo ta’an, waraanni faashistii PP kaleessa ganama Amajjii 13, 2023 badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii qabuun waajjira poolisii magaalaa Kuyyeeraatti hidhanii jiru.
Murni faashistii Itoophiyaa kun waraana isaa itti bobbaasuun erga maqaa jijjiiraa fi ijoollee abbaa gadaan aangootti ol ba’ee as maanguddoo kanaa fi maatii isaanii hidhuu irraa hin dhaabbanne.
Obbo Dhaqqabaa Waariyoo kaleessa gara galgalaa mana hidhaa magaalaa Kuyyeeraa irraa baasuun buufata poolisii magaalaa Shaashamannee naannoo Keellaa jirutti hidhanii jiraachuun barameera.
Murni maanguddoo Oromoo salphisuu, dubartii Oromoo xiqqeessuu Oromoo akka sabaatti lafa irraa balleessuuf finxaaleyyii Amaaraa waliin hojjechaa jiru bilxiginnaan maanguddoo sabboonoo, hayyuu seenaa fi qabsoo Oromoo akkasumas Oromummaaf duubatti hin jenne hidhuun qorqalbii isaanii cabsuuf yaalanis hidhaan bara TPLF irratti raawwachaa ture sabboonummaa Oromummaa calaqqisiisuu fi gaaffii Oromoo bu’uuraa gaafachuu irraa duubatti akka isaan hin deebisne seenaan ragaadha jechuun yaada kan nuuf qoodan jiraattota magaalaa Kuyyeeraati.

