Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee ona Gooroo Guutuu keessatti waraanni murna bilxiginnaa namoota nagaa hidhuu fi dararuu hammeessan.

Baha Harargee ona Gooroo Guutuu keessatti waraanni murna bilxiginnaa namoota nagaa hidhuu fi dararuu hammeessan.

ONM-ABO Hagayya 27, 2022 Murni impaayeerattii keessatti nagaa akka hin jiraanne lafa cufa irratti lola banaa fi namoota cafaqee hidhuu aadeffate Oromiyaa keessatti waggoottan arfan kana walitti fufiinsaan hammeessee hojjechaa jira.

Akka kanaanis godina Baha Harargee ona Gooroo Guutuutti ergamtootni sirni bututaa impaayeera Itoophiyaa uummata nagaa jireenya dhuunfaa isaanii dalagatanii jiraatan isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti ittiin jechuun qabanii hidhuun dararaa jiru.

Ona Gooroo Guutuu araddaa Geeraroo irraa Hagayya 8, 2022 nama Najaat Ahimed jedhamu abbaan araddaa Seeyfuu Mangistee jedhamu waraana itti ergee qabsiisuun dararaa turan.

Gooroo Guutuu keessatti namootni qaamota murna bilxiginnaa gaaffii gaafatanii fi ija keessa ilaalan qabamanii reebamuun hidhamaa kan jiranii fi yeroo ammoo manni namoota badii tokko hin qabneen guutamee jira.

Hidhaa geggeeffamuu jiruun alattis saamichi maallaqaa hammachuu irraan kan ka’e qonnaan bultootni maallaqa horii fi jimaa gurguratanii galan karaa irratti saamamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Aanaa kana keessatti namootni lukkeelee diinaa ta’uun ilmaan Oromoo dararsiisaa jiran Shamshaddiin Yuuyyaa, Mahaammad Alishoo, Najaash, Aliyyii Yaasuu fi Ammaddiin Aliyyii bulchaa aanaa Gooroo Guutuu ta’uu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version