Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee ona Gola Odaa keessatti ijoolleen keessan Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jirti jechuun namoota nagaa hidhan

Godina Baha Harargee ona Gola Odaa keessatti ijoolleen keessan Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jirti jechuun namoota nagaa hidhan.

ONM-ABO Hagayya 26,2022 bilxiginnaa ilmaan Oromoo qofa sababoota adda addaa irratti funaanee hidhuu aadeffate godina Baha Harargee ona Gola Odaa keessatti namoota nagaa Waraana Bilisummaa Oromoo keessa ijoollee keessantu jira jechuun torbee darbe araddaa Gaara Gaafaa irraa namoota 4 badii tokko malee qabanii hidhan.

Ilmaan Oromoo buufata poolisii magaalaa Burqaa Tirtiraa keessatti badii malee dararamaa jiran maqaan isaanii Mahaammad Guddaa, Ahimed Sheek Aliyyii, Sheek Boruu fi Nasir Aliyyii yeroo ta’u Shek Boruun nama miila hin qabne hidhuun dararaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Onuma Gola Odaa araddaa Bareedaa Leencaa jedhamu keessatti nama maqaan isaa Xayiib Usmaan jedhamu qabanii hidhuun dararaa jiru.

Waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo qabanii hidhuun cinaatti aanicha keessatti saamicha maallaqaa fi doorsisa uummata nagaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen ibsuun qonnaan bultoota baadiyaa irraa magaalaa Burqaa Tirtiraa dhufanii fi kanneen magaalattii keessaa dararaa hamtuu argaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version