Godina baha Harargee aanaa Gola Odaa keessatti maqaa abbaa manaa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromootii fi deggeraa WBOti jechuun hidhaa fi dararaan geggeeffamu hammaate.
ONM – ABO – Muddee 13, 2022 Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo waan isaan keessa hin jirreen dararuu kan aadeffate, godina baha Harargee aanaa Gola Odaa magaalaa Burqaa Tirtiraa keessatti abbaa manaa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun aaddee Saadiyyaa Abdulsamad mana hidhaatti yeroo garaagaraatti deddeebisuun erga dararaa turaniin booda guyyaa kaleessaa mana murtiitti dhiyeessuun abbaa manaa kee hiikii heerumi jechuun dhiibbaa irraan ga’aa turan.
Waraanni fi dabballoonni murna bilxiginnaa aadde Saadiyyaa daa’ima ganna 3 waliin hidhuun buufata poolisii keessatti dararaa irraan ga’aa turaniin daa’imti dhalaan Seenaan Dhaqqabaa jedhamtu hiraarfama achi keessaa dadhabuun Ebla 2021 keessa lubbuun darbitee turte.
Kana malees aanaa Gola Odaa keessatti namootni hidhaan dararamaa jiran Mahaadaa Sayid, Farahaan Reqii, Caaltuu Kaliif Abdullaahii, Mahabub Sheek Yusuuf, Urgee, Mahammad Guddaa fi kanneen biroon jiraachuun barameera.
Kaabinootni namoota nagaa hiisisaa jiran bulchaa aanaa Ahimed Muummee, itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa Shakul Halloo, hogganaa poolisii fi hogganaa waajjira fayyaa Yusuu fi Ahimed Umar kanneen jedhamanii dha.
Kan malees bulchiinsa magaalaa Burqaa Tirtiraa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun maallaqa humna olii uummata irraa saamaa, hidhaa fi dalagaa akka hin hojjetanne kan gochaa jiru kantiibaa magaalattii Abdurhamaqn Suleemaan ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

