Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dirree Dhawaa araddaa Awwaallee fi Harargee lixaa aanaa Gammachiis keessatti ilmaan Keessantu miseensa WBOti jechuun namoota hidhaa fi reebicha irratti raawwachaa jiraachuun beekame 

ONM-ABO Muddee 27, 2023

Murni bilxiginnaa sodaa waraana bilisummaa Oromoo irraan ka’e yeroo ammaa uummata harka qullaa dararuu irratti fuulleefatee hojjechaa jira.

Haaluma kanaan Dirre Dhawaa Araddaa Awwaallee keessatti namoota nagaa maqaa ilmaan keessantu miseensa WBOti jedhuun hidhaa fi reebicha irratti raawwachaa jiraachuu himan.

Gaafa dilbataa galgala Muddee 24, 2023 ganda Amboo keessaa haadha manaa Iskandar Mahaammad Aadam kan jedhamtuu fi obboleessa isaa Abdii Mahaammad kan jedhamu waliin reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda mana hidhaatti darbanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Oduma hidhaan wal qabatuun Harargee lixaa aanaa Gammachiis araddaa  Waleensoo keessatti maqaa ilmaan keessantu WBO keessa jiraa galchaa jedhuun namoota maqaan isaanii  Abdallaa Shee Mussaa abbaa maatii saddeetii, Abiraaim Ambayyoo abbaa maatii 2, Dalaa Riiduwaan, Abdulbaasit Hasan abbaa maatii 6 fi Sabboontu Hakim kanneen jedhaman mana murtiitti osoo hin dhihaatin baatii sadii oliif hidhamanii hiraarfamaa jiraachuus maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version