Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee aanaa Ciroo keessatti maatii qabsaa’otaa irratti dararaan jabaachuu irraan Kan ka’e qe’ee gad-dhiisuun godaanaa akka jirantu himame

ONM-ABO Sadaasa 7, 2023

Oromiyaa guutuu Keessatti yeroo ammaa rakkooleen jajjaboon uummata Oromoo irratti kaadiroota PP’n jabaatee Kan jiru hoggaa ta’u, maqaa ilmaan Keessantu miseensa waraana bilisummaa Oromooti jedhuun maatii qabsaa’otaa saamaa, hidhaa fi ajjeesaa Kan jiru Waraanni Koloneel Abiy Ayimad ergama murna tokkoo milkeessuuf jecha gochoota dabaa seenaaf hin Tolles hojjechaa jiru.

Haaluma kanaan Sadaasa 1, 2023 godina lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Luugoo Baddeessaa Keessatti Milishootni farra riphee lolaa jechuun of waaman maatii qabsaa’otaa danuu qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisaa jiraachuu fi gariin ammoo hidhaa jiraachuu Kan himan maddeen, rakkoo Waraanni faashistii kunneen namoota irratti dalagaa jiran dheessuun namootni baqatan muraasni maqaan isaanii Hasan Yusuuf, Mohaammad Sayidoo fi Keebek Abirahaam Kan jedhaman yoo ta’an, Shukkee Adam fi Mohaammed Sahidee Kan jedhaman reebicha ulfaataa irratti geggeessuun hidhanii akka jirantu himama.

Dabalataanis onuma Ciroo keessatti maqaalee hedduu dha’uun saamicha jabaa hawaasa irratti dalagaa Kan jiran waraanni goolessaan kunneen hawaasni yeroo ammaa ba’ee nagaan galuu hanqachuun jireenya ijibbaataa jiraachaa akka jirus dabaluun ibsu.

Exit mobile version