ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024
Qaama hidhatee dirree gubbaarraa isa lolu dadhabuun namoota fayyaalessa jiruu isaanii geggeffatanitti ol deebi’uun qabeenya saamuu, hidhuu fi ajjeechaa irratti geggeessaa kan jiran kaabinoonni fi waraanni kolonel Abiy Ahimediin hawaasa keessa bobbaafaman guyyuu gochoota jibbisiisoo raawwatan jabeessan.
Haleellaa dirree irratti waraana bilisummaa Oromoon irra ga’u dheessuun loltoonni fi kaabinootni sirnichaa namoota nagaa akka waan maatiin dhaqaa naaf qabsaa’aa jedhee dirqamaan bobbaaseetti maatii qabsaa’otaa irratti dararaa geggeessaa jiru.
Guyyoota sadeen darban keessa godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessaa maatii qabsaa’otaa irratti hidhaa fi saamichi kan raawwatame yoo ta’u maatii Jaal Ibiddoo Bareentoo, Nasuraa Abdurhamaan Alishuu, Joorjii Nuuraddiin, Nabilee Nuuraddiin fi Hedaar Abdurhamaan kanneen jedhaman yoo hidhaman, akkasumas maatii Jaal Diinaa’ol jalaa ammoo Jamaalee Ahimed, Muktaar Alishuu, Saaliyaa Aliyyii, Ayyaantuu Muktaar fi Hajaraa kanneen jedhaman hidhamanii gidirfamaa akka jirantu dubbatama.
Waanti kun itti yaadamee uummata nagaa gidirsuuf dabballoonni aanaa fi waraanni naannawaa sana irra jiran waliin ta’uun geggeessanii qorqalbii hawaasaa cabsuuf hojjechaa jiranii dha jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

