Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna goolessaa PP godina Lixa Harargee aanaa  Gammachiisii fi Ciroo keessatti uummata hidhaa fi gudeeddiin dararan

ONM-ABO Muddee 26, 2023

Godina lixa Harargee ona Gammachiis araddaa Waleensoo haarabaafannoo  bakka Jaarsoo jedhamu irraa namoota nagaa obboleeyyan keessantu Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun Fulbaana 5, 2023 qabanii hidhuun dararaa kan jiran yoo ta’u, hanga ammaatti murtii tokko malee mana hidhaatti rakkachaa jiru.

Namootni kunis Abdallaa Sheek Muusaa abbaa daa’ima 8, Ibraahim Ambayyoo abbaa maatii 2, Dalaa Riduwaan abbaa ijoollee 4, Abdulbaasit Hasan abbaa maatii 6, haadha manaa waliin, Abdurroo Hasan maati isaa waliin akkasumas Sabboontuu Haakim hidhanii dararaa hamtuu irraan ga’aa jiru.

Godinuma Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Najabaas ganda Qulee keessatti waraanni mooraa mana barumsaa keessa qubatee jiru Kamisa darbe Muddee 21, 2023 shamarran gandichaa humnaan gudeedanii jiru.

Shamarran Oromoo dirqiin gudeedamuun yeroo ammaa rakkoo fayyaaf saaxilaman kun Fooziyaa Jamaal shamarree, Kiimoo Aliyyii haadha daa’ima 2 fi Iftuu Aliyyii haadha ilmaan 3 irratti gudeeddaa gara jabinaa irratti wal jijjiiraa buluudhaan yeroo ammaa du’aa fi jiruu jidduu jiru.

Kana malees Sanbata dheengaddaa shamarreenii fi dhiirota jiraattota aradda Ciroo ganda Ruksaa fi Beenyaa kan ta’aan maqaan isaani Gaaddisee Ahimed, Caalee Nigaatuu, Iftuu Jamaalo, Leeylaa Amaddiin, Aliyyii Abdullaa fi Ibraahim Yuuyyaa qabuudhaan achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen godina Lixa Harargee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version