Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee aanota garaagaraa keessatti WBO tu isin keessa socho’aa jira jechuun uummata dararaa jiraachuun dhagaa’ame

Godina Baha Harargee aanota garaagaraa keessatti WBO tu isin keessa socho’aa jira jechuun uummata dararaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM – ABO – Sadaasa 8, 2022 Murni bulchiinsa abbaa irree bilxiginnaa diddaa uummatni Oromoo sirnicha hundeen buqqisuuf taasisaa jiru afaan qawween irra aanuuf bakka waraana isaa bobbaasu cufatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromootu isin keessa jira, WBO waliin hidhata qabdu, ni nyaachistuu fi ijoollee keessantu keessa jiraan uummata nagaa siyaasa keessaa quba hin qabne dararaa oola. Gocha isaa badii kana torbee darbee qabuun waraanni faashistii Abiy Ahimed godina baha Harargee aanaa Haramaayaa, bulchiinsa magaalaa Awwadaay, Maayyuu Mulluqqee, Baddannoo, Gola Odaa fi Guraawwaa keessatti uummata nagaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin hidhaa, doorsisanii maallaqa namoota dhuunfaa irraa guuraa fi daandii gubbaatti badii tokko malee reebaa jiru. Onoota olitti maqaan dha’ame keessatti waraanni fi daballoonni murna bilxiginnaa uummata dararuu qofa hojii idilee godhachuun hawaasni oomisha isaanii illee gabaatti baasanii gurgurachuu fi wantoota gabaadhaa bitanii ganda baadiyaatti galan karaatti saamamaa akka jiran maddeen dubbachuun aanota kana keessatti dhiitaan mirga namoomaa hawaasa irra ga’aa jiru jabaachaa deemuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version