Godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessatti saamichi qabeenyaa namoota irra raawwatu hammaate.
ONM-ABO Hagayya 27,2022 Murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti gochoota badii hiriyaa hin qabne waggoottan arfan darban ajjeesuu hanga qe’ee irraa buqqisu raawwatee gadaa aangoo isaa dheerefachuuf yaalee itti hin milkaa’in jiraatus kufaatii isaa irraa baratee dhiisuu dadhabuun gocha badii isaa itti fufee jira.
Haaluma kanaan waraannii goolessituu bilxiginnaa uummata Oromoo haadhaa fi abbaa daa’imman irraa ajjeesaa kijibaan uummataaf qabsoofna jechaa saamicha hamaa ona Qondaalaa keessatti raawwatanii jiru.
Hagayya 24 ,2022 waraanni murna bilxiginnaa gocha badii isaa itti fufuun ona Qondaalaa ganda Liqiitii jedhamu keessa seenuun dunkaana uummataa caccabsanii saamanii jiru.
Kana malees mana uffata hodhaatti ol seenuun maashina uffata hodhaa caccabsuun qabeenyaa mana keessaa guuruutti fudhatanii jiru.
Namoonni isaan saaman maqaan isaanii Raamatallaa Haaruun fi Almaal Usmaan kan jedhaman yoo ta’u jarreen kana jalaa dunkaana isaanii cabsuun qabeenya isaanii dhuunfatan.
Aaddee Elsaabet Israa’el jedhamtuu mana ishee seenuun maallaqaa saaman.
Akkasumas obbo Darajjee Mokkonnon nama jedhamu jalaa ammoo maashina uffata hodhaa fi uffata saamanii deemanii jiraachuu madeessan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

