Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Arxummaa Fursee keessatti lola hidhattootni Affar uummata Oromoo irratti bananiin namni tokko du’uun kan biroon madaa’an

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Arxummaa Fursee keessatti lola hidhattootni Affar uummata Oromoo irratti bananiin namni tokko du’uun kan biroon madaa’an.

ONM-ABO Hagayya 27, 2022 Weerara lafaa finxaaleyyii Amaaraa fi saboota naannoo isaa jiraniin yeroo yerootti haleellaan kan irratti raawwatu ilmaan Oromoo kaaba Oromiyaa godiba Walloo keessatti jiraatan, ammas fedhiin saboota kanaa dhaabbachuu dadhabuun hidhattootni Affaar karaa ona Arxummaa Fursee lola bananii jiru.

Haaluma kanaan kaleessa Hagayya 26,2022 ona Arxummaa Fursee ganda gammoojjii Akaakoo jedhamu keessatti lafa hawaasni loon isaa tikfatutti hidhattoonni Affaar kanneen murnan bilxiginnaan hidhachiifaman dhufanii dhukaasa itti bananiin hanga gabaasni kun qindaa’etti hawaasa Oromoo Walloo irraa namni maqaan isaa Hasan Usmaan kan ajjeefame yoo ta’u namoonni madaa’anis jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Ilmaan Oromoo Walloo bara dhufaa darbaa warreen lafa isaa irraa buqqisuuf amuummattan dura dhaabbachuun wareegama kafalaa kan as ga’e yoo ta’u dhihoo kan haleellaa qindaa’aa finxaaleyyiin Amaaraa irratti raawwachaa turanis ofirraa qolatee ture.

Uummanni Oromoo Walloo hanga humna isaanii warreen lafa isaanii saamuuf dhufan dura dhaabbatanis lolichi humnoota murni bilxiginnaa hidhachiisuun waan ta’eef yeroo finxaaleyyii Amaaraa tasgabbeessan Affaar gama biraan eegaluun yeroodhaa gara yerootti dachee isaanii irra jiraachuufuu lubbuu kan wareegaan ta’uu jiraattootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ibsaniiru.

Exit mobile version