Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel keessatti Waraanni Sirna PP hidhaa fi reebichaa uummata Oromoo dararuu hammeesse

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel keessatti Waraanni Sirna PP hidhaa fi reebichaa uummata Oromoo dararuu hammeesse.

ONM-ABO Hagayya 30,2022 Murni bilxiginnaa ani Oromoon Bakka b u’a jechuun uummata Oromoo afaanfaajjessu goleelee Oromiyaa mara keessatti goolii uumuu fi gochoota seenaa keessatti Oromoon hin irraanfanne hojjechuun gadaa aangoo dheereffachuuf gocha abaaramaa isaanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 29,2022 godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa keessatti badii tokko malee Dubaree Chuuchee Teessoo jedhamtu reebichaa ammaataa erga irraan ga’aaniin booda gara mana hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Jiraata tokko dubbiseetti Chuuchee Teessoo kan jedhamtu malee namoota hedduu dalagaa isaanii irraa qabuun maqaa WBOn yakkuun gidirsaa jiraachuu dubbateera.

Aanaadhuma Baabboo Gambeel ganduma Malkaa Eebichaatti manneen namoota lamaa irraa diiguun qabeenyaa achi keessa jiru mara kanneen akka teessumaa, siree fi qabeenyaa manicha keessa ture cufa fudhanii deemuun maatii obbo Duulaa Sambataa fi Addunyaa Damusee harka qullaa hambisuun rakkoo hamaaf saaxilanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version