Daandiin Finfinnee fi Lixa Oromiyaa wal quunnamsiisu konkolaataa waraana bilxiginnaa deddeebisuun waan dhiphateef uummatni sochii danqame.
ONM-ABO Hagayya 31,2022 Murni bilxiginnaa guyyaa tokkoof impaayeerattii keessatti nagaa buusuu irra lola babal’isuun ilmaan haadha iyyeessaa ficcisiisaa jiru Waraana Bilisummaa Oromoo loluuf jecha loltoota hedduu gara lixaatti bobbaasee hedduun erga harkaa dhumee amma ammoo sababa lola Tigraay jechuun fedhii soddoolii isaanii guutuuf loltoota lola WBO waliin gochaa turan irraa hafan gara Finfinneetti ol fe’aa jira.
Sababa loltootni bilxiginnaa konkolaataa hedduun lixa Oromiyaa irraa gara Tigraayitti fe’amaa jiran kanaaf daandiin gara Lixaatti geessu garmalee muddamee jira.
Magaalota naannoo Finfinnee jiran keessatti konkolaattota xixiqqoo daandii irraa cinaatti baasanii dhaabsisaa fi konkolaachiftoota osoo hin hubatin itti hoofan akkasumas giddu seenan konkolaataa keessaa buusuun reebicha hamaa irraa ga’aa jiru.
Keessaayuu bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti tiraafikoonni konkolaataa fuula dura fiiganii sagalee guddiftuun duraa goraa jedhanii uummataa dirqisiisaa akka turanii fi poolisootaan hawaasa irra miidhaan qaqqabee jira.
Yeroo konkolaataan waraana bilxiginnaa fe’ee daandii gubbaa deemutti namoota dirqamsiisanii fi reebanii akka isaan bakkaa hin sochoone gochaa kan turan yoo ta’u namoonni hedduun yeroon ba’anii galuu danqamanii jiraachuu jiraattoota Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Buraayyuu irraa dubbise tokko tokko ibsaniiru.

