Waraanni murna bilxiginnaa maqaa poolisii humna addaa Oromiyaan gara Lixaatti bobbaafamaa turan konkolaataan tokko magaalaa Buraayyuutti miliqan.
ONM-ABO Fulbaana 6,2022 Murni bilxiginnaa loltoota isaa baatii Bitootessaa 2022 irraa eegaluun bifa haaraan gara lixa Oromiyaatti bobbaasuun duula qindaa’aa akkuma godinoota Oromiyaa biroo keessatti geggeessaa ture adeemsisus itti milkaa’uu dhabuun maqaa lola kaaba impaayeerattii sababeeffachuun loltoota gariin ol fe’a gariin ammoo gadi fe’a.
Loltoota gara Lixaa torban darbe fe’amaa turan harki caalu poolisoota humna adda Oromiyaa warra ofiin jedhan yeroo ta’u isaan keessaa torbee darbe kanaa godina addaa naannoowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Keellaatti miseensootni konkolaattootaa tokko keessa turan harkaa miliquu danda’aniiru.
Poolisii humna addaa lola isaan hin ilaallanne deemuu diduun harkaa miliqanii manneen namoota seenanii uffata seeraa isaanii jijjiirratan kunneen akka jedhanitti murni bilxiginnaa goyomsaa fi humnaan qabee erga leenjii nuuf kenneen booda lolatti nu galchee nu ajjeesisuu akkasumas uummata nagaa akka ajjeesnu gochuuf waan ta’eef rakkannee jiraachuu nuuf wayya jechuun sababa keessaa miliqaniif ibsaniiru.
Murni bilxiginnaa rakkoo impaayeerattii afaan qawween irra aanuu barbaadu kun guyyaadhaa gara guyyaatti kallattii nagaan uummataa uumamu irra lola labsuun injifannoo sobaa ololaa ooluu hojii idilee isaanii taasifatanii jiru.

