Magaalaa Finfinnee keessatti Barreessiituu kitaaba Asoosama Ulfa Ulfaatee kan taate tika mootummaa PPn ukkaamfamuun dhaga’ame.
ONM-ABO Fulbaana 7, 2022 Magaalaan Finfinnee erga sirna gita bittootaan dhuunfatamte Oromootti garaa jabaachuun guyya guyyaan qaqqaaliwwaan ilmaan ishee nyaachaa fi hidhaaf saaxilaa oolti.
Fulbaana 5, 2022 magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Meeksikoo keessatti barreessitu kitaaba asoosama Ulfa Ulfaatee kan taate qarree Yeroosaan Abarraa jedhamtu humnootni tika bilxiginnaa qabuun achi buute dhabamsiisan.
Yeroosaan Abarraa hojii ogbarruutiin alatti jireenya dhuunfaa ishee kan geggeeffattu taatus murni bilxiginnaa Oromumma isheen yakkuun dhabamsiiseenii jira.
Barreessiituun kitaabaa Ulfa Ulfaatee, Yeroosaan Abarraa mana jireenyaa isheetii mi’a bitaachuuf baatee galuu hanqachuu fi hanga gabaasni kun qindaa’etti bakki tikootni faashistii PP geessan wallaalamuu firoottaan ishee Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroosaan erga Abiy Ahimed aangootti ol ba’ee qofa waraana bilxiginnaan abbaa ishee obbo Abarraa Tolosaa hidhaa itti jabaateen kan dhabdee fi obbolootni ishee lamaan Heenok Abarraa fi Liidiyaa Abarraa badii tokko malee murtoo waggaa 6 olii fudhachuun mana hidhaa cunqursaa keessatti dararamaa jiraachuun ni beekama.

