Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Barreessaa Kitaaba Afaan Oromoo kan ta’ee Dargaggoo Sinaan Husseen magaalaa Finfinnee Keessaatti Humnoota Nageenyaan ukkaamfame

Barreessaa Kitaaba Afaan Oromoo kan ta’ee Dargaggoo Sinaan Husseen magaalaa Finfinnee Keessaatti Humnoota Nageenyaan ukkaamfame.

(SQ-Hagayya 15/2022)
Barreessaan Kuusaa Walaloo Sossobbii Dargaggoo Siinaan Huseen Magaalaa Finfinnee Keessaa Ukkaamfamuun Gara Mattuutti Fudhatame

Barreessaa Bissii Walaloo ‘Sossobbii’ kan tahe dargaggoo #Siinaan_Huseen Jimaata darbe galgala, jechuun Hagayya 12, 2022 magaalaa Finfinnee bakka Jamoo 3 jedhamu mana jiraatu keessaa hidhattoota bilxiginnaatiin ukkaamfamuun Sabbataatti hodhamee ture.
Hagayya 15/2022 ammoo poolisoonni Mattuu irraa dhufanii fuudhanii gara Iluu Abbaa Booraa geessanii jiru.

Dargaggoo #Siinaan_Huseen magaalaa Finfinnee keessatti hojii daldalummaatiin kan of jiraachisu yoo tahu bara dabre kitaaba bissii walaloo SOSSOBBII jedhu barreessuun dubbistoota biraa gahee jira.

Exit mobile version