ONM-ABO Ebla 6, 2024
Murni bilxiginnaa maqaa hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabdu jedhutti gargaaramuun namoota siyaasa irraa walaba ta’anii fi qaroo sabaa warreen ta’an qabee dhabamsiisuu jabeessee jira
Bifuma kanaan murni abbaa irree bilxiginnaa Ebla 2, 2024 dargaggoo Waadaa Geetachoo jedhamu barreessaa kitaaba ” Iyyata” jedhuu kan ta’e Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaa Furii irraa qabuun guyyoota lamaaf Meeksikoo mana hidhaa Wanjal Mirmaraa jedhamu keessa tursuun yeroo ammaa achii baasee dhabamsiisuun himame.
Waraanni fi qondaaltonni murna faashistii bilxiginnaa ajaja mana murtii malee shakkamtoota maqaa jedhuun namoota to’achuun achi buutee dhabamsiisuu kan aadeeffatan, dargaggoo Waadaa jedhamus hanga gabaasni kun qindaayetti lubbuun jiraa fi hin jirreen isaa yaaddeessaa ta’uun barameera.
Maatii fi hiriyyootni dargaggoo Waadaa bakka inni to’atamee ture deemuun yoo gaafatanis humnoonni Poolisoota Federaalaa hin beeknu nuti jechuun akka dhoksanis maddeen ONM’tti himaniiru.

