• Fri. Mar 13th, 2026

Barreessaan kitaabaa dargaggoo Waadaa Geetachoo Poolisota Federaalaan Finfinnee kutaa magaalaa Furii keessaa qabamee dhabamsiifamuun dhaga’aame

Apr 6, 2024

ONM-ABO Ebla 6, 2024

Murni bilxiginnaa maqaa hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabdu jedhutti gargaaramuun namoota siyaasa irraa walaba ta’anii fi qaroo sabaa warreen ta’an qabee dhabamsiisuu jabeessee jira

Bifuma kanaan murni abbaa irree bilxiginnaa Ebla 2, 2024 dargaggoo Waadaa Geetachoo jedhamu barreessaa kitaaba ” Iyyata” jedhuu kan ta’e Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaa Furii irraa qabuun guyyoota lamaaf Meeksikoo mana hidhaa Wanjal Mirmaraa jedhamu keessa tursuun yeroo ammaa achii baasee dhabamsiisuun himame.

Waraanni fi qondaaltonni murna faashistii bilxiginnaa ajaja mana murtii malee shakkamtoota maqaa jedhuun namoota to’achuun achi buutee dhabamsiisuu kan aadeeffatan, dargaggoo Waadaa jedhamus hanga gabaasni kun qindaayetti lubbuun jiraa fi hin jirreen isaa yaaddeessaa ta’uun barameera.

Maatii fi hiriyyootni dargaggoo Waadaa bakka inni to’atamee ture deemuun yoo gaafatanis humnoonni Poolisoota Federaalaa hin beeknu nuti jechuun akka dhoksanis maddeen ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading