ONM-ABO Ebla 6, 2024
Duula guddaa uummata Oromoo irratti banee kan jiru sirni PP maanguddoota, dubartootaa fi daa’imman mana keessatti meeshaalee gurguddaatiin bobeessaa, gama kaaniin ammoo marii uummataa jechuun waa’ee nagaa fi tasgabbii dubbataa oola.
Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti Ebla 04, 2024 ganama irraan waraanni PP sakattaa WBO jechuun ganda Siifaa Batteetti kan bobbaafaman yoo ta’u, mana jiraattotaa 100 ol gubuun, maanguddoo ammaaf maqaan isaanii nu hin ga’in tokkos ajjeesuu maddeen keenya onicha irraa gabaasaniiru.
Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa kanneen maqaa arganne Kamaal Haajii Amaan, Sulxii Baatii, Faqoo Baatii, Kadir Faqoo, Sulxaan Faqoo, Xaayiroo Faqoo, Mahaammad Jimaa, Amaan Gannaa, Umar Mahaammad, Kadiroo Hamad fi Amaan Baatii kanneen jedhaman dabalatee manneen hedduun akka gubatanii jiranis himameera.
Waraanni sakattaaf bobba’u bosona keessa malee ollaa uummataa keessa naanna’uun hin turre kan jedhu jiraataan gandichaa tokko, mana ganda sana keessatti argamu erga ibidda itti naqanii barbadeessaniin booda, horii kanneen akka loon, hoolaa fi re’ee akkasumas qabeenyaa uummataa ooffatanii deemuun, uummaticha harka duwwaatti hambisaniirus jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.








