Waraanni murna bilxiginnaa godina baha Wallaggaa ona Waayyuu Tuqaa keessatti uummata hidhaan dararaa jiru.
ONM-ABO Fulbaana 10, 2022 Murni impaayeera Itoophiyaa waraanaa fi dabballoota isaa uummatatti bobbaasuun uummata Oromoo nagaa sobaan waraana bilisummaa Oromoo deggertu, ilmaan keessantu waraana Bilisummaa Oromoo keessa jiraa fi ni yaachistu jechuun ajjeessaa, hidhaa, qe’ee irraa buqqisaa, saamaa fi jiraa dhabamsiisaa warruma sobaan yakkanii hidhanis mana hidhaatii baasanii ajjeessuun Oromiyaa goleelee cufa keessatti geggeessaa jiran hammeessanii jiru.
Haalummaa kanaan godina Baha Wallaggaa ona Wayyuu Tuqaa ganda Boonayyaa Moloo kessaati hidhaa fi reebichi waraana bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabaateera.
Namootni hidhamanii jiran Tasfaa Uummataa, Alammayyoo Geetuu, Taarikuu Miidhaksaa, Mulatuu Eebbaa, Barsisaa Amanuu Waaqtolee, Abdii Taakilee, Immiruu Alamuu, Dinqaa Tasfaa fi kanneen biroo hedduun jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Waayyuu Tuqaa gabaasaniiru.
Namoota hidhamanii jiran keessaa dargaggootni 5 baatii torbaa oliif kan hidhaman yemmuu ta’u namootni sadii baatii afur olif hidhaan rakkatanii jiru.
Fulbanna 7, 2022 Dinqaa Tasfaa nama jedhamu mana hidhaatii gadi fuudhanii reebichaa cimaa irraan ga’uun yaala dhorkanii achiti rakkachaa akkaa jiruu maddeen addeessan.
Kana malees dunkaana guddaa gandichaa kan obbo Dassaalee Taasisaa jalaa cabsanii saamicha irratti geggeessanii jiru.

