Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggaritti maatii qabsaa’otaa dararuun qabeenya isaaniis jalaa barbadeessaa jiraachuun beekame

Godina Kibba Lixa Shaggaritti maatii qabsaa’otaa dararuun qabeenya isaaniis jalaa barbadeessaa jiraachuun beekame.

ONM-ABO Fulbaana 16,2022 Waraanni Bilisummaa Oromoo humna tiksitoota impaayerichaa irratti taasisu jala dhaabbachuu fi dandamachuu kan dadhabe murni bilxiginnaa golee Oromiyaa bakkoota garaagaraatti sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa jalaa manneen akkasumas qabeenya barbadeessuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Fulbaana 15, 2022 Godina Kibba Lixaa Shaggar, Aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Guutuu Urjii jedhamu keessatti manneen maatii qabsaa’otaa 3 kan guban yoo ta’u, sababni isaa ammoo ilmaan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromootii fi WBO nyaachistu jechuun humni badii kun gubuu jiraattonni dubbataniiru.

Obbo Nagaasaa Galataa fi obboleessa isaa jalaa manaa fi qabeenya isaa guutummaatti barbadeessuun maatiin akka faca’u taasisaniiru.

Gochaa humnoota badii kanatti kan dallanan jiraattonni ona Qarsaa Maallimaa, nagaa waaraa argachuuf sirna kana hundeen dhabamsiisuu qabna jechuun dubbataniiru.

Exit mobile version