Baha Shaggaritti ergamtoonni Sirna PP manneen qonnaan bultootaa gubuu fi saamicha gaggeessuun dhaga’ame.
ONM-ABO Fulbaana 20, 2022 Sirni aantummaa sabootaa hin qabne teessuma siyaasaa isaa of jalatti tiksuuf jecha hojiilee farra uummataa ta’an hojjetaa, yeroo aangoo isaa dheereffachaa har’a ga’e kun manaa fi qabeenya sabboontotaa barbadeessuun sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa rakkinaaf saaxilaa jira.
Haaluma kanaan dheengadda Fulbaana 19, 2022 godina Baha Shaggar Aanaa Liiban Cuqqaalaatti manneen uummataa Oromoo maqaan isaanii obbo Roobaa Mogos, obbo Boonsaa Simaa fi obbo Faxuulaa Machii jedhaman jalaa yakka tokko malee gubanii qabeenyaa isaaniis saamuu jiraattonni ona Liiban Cuqqaalaa ganda Agamsa Roggichaa dubbataniiru.
Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu akkasumallee ijoollee keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun qabeenyaa isaanii erga fudhataniin booda kan hafe ammoo mana waliin ibiddaan akka guban jiraattonni dabaluun dubbatan.
Sirna fiixee kufaatii irra ga’ee uummata irratti du’aa fi rakkina labsu kana odeessa ololaa akkasumas proppogaandaa ergamtoota isaan faca’aa oolu dhaga’uu dhiisnee, irree tokkoon ofirraa darbuu qabna jechuunis dhaammataniiru.

