Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee aanaa Meettaa fi Baddannoo keessatti saamichi fi hidhaan jabaachuun himame

Godina Baha Harargee aanaa Meettaa fi Baddannoo keessatti saamichi fi hidhaan jabaachuun himame.

ONM-ABO Fulbaana 19, 2022
Oromiyaa keessatti kaabinoonni fi waraanni sirnichaa aangoo isaanii tikfachuuf lola impaayeritti keessatti adeemsifamu da’oo godhatanii ilmaan haadha hiyyeessaa kallatti hedduun dararuun boochisaa oolu.

Baha Harargee aanaa Meettaa magaalaa Calanqoo keessatti gaafa Roobii Fulbaana 14, 2022 barataa Yuuniversitii Finfinnee kan ta’e Ifabaas Abirshaa kan jedhamu osoo inni karaa irra deemaa jiru sababa rifeensi isaa dhedheeraa ta’eef jecha ati Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii jiru.

Namoota gandoota baadiyyaa aanichaa keessaa magaalaa Calanqoo dhufan karaa irratti eeguun maallaqa fi wantoota akka bilbilaa harkaa dabalatee faayaalee biroo saamaa jiraachuu maddeen ibsuun gandoota baadiyaa aanichaa cufatti dirqamaan qarshii 100,000 akka kafalan dirqisiisuun irraa fuudhaa jiru.

Godinuma Baha Harargee aanaa Baddannoo Magaalaa Baddannootti dheengadda Fulbaana 17, 2022 daldaltoota guutuu wal gahii baasanii deggarsa waraana bilxiginnaa hanga isin gaafanne kennuu baannan lubbuu keessan akka itti isin irraa fuunu ni beekna jechuun doorsisaa oolan.

Dabalataanis poolisiin humna addaa Oromiyaa ofiin jedhan duraan magaalaa qofa keessa turan yeroo ammaa araddoota baadiyyaa hunda keessatti namni Shan Shan kaabinee waliin ramadamanii bobba’anii jiraachuu gabaasaan achii nu qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version