Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee bahaa aanaa Haramayyaa, Baddannoo fi Mulluuqee Keessatti maqaa gibira jedhuun saamichi jiraattota irratti jabaatee jiraachuun beekamera

ONM ABO Sadaasa 18, 2023

Akka jiraattonni baha Harargee aanaa Mulluuqee araddaa Harreerigaa ONM dubbisee himanitti saamichi maqaa gibira da’oo godhachuun jiraattota jireenyi itti qaala’ee jiru irratti loon, Gaala fi qabeenya ooyiruu irraa qaban dabalatee qabeenyaa qabdan cufatti gibira gatiin isaa 10,000 ta’e kaffaluu qabduun Kan dirqisiisaa jiran yoo ta’u, namni hanga jedhame kana hin kaffalle lafti isaa guutummaatti harka fuudhamee abbootii qabeenyaaf laatama jechuun hawaasa hiraarsaa jiraachuun himame.

Bahuma Harargee aanaa Baddannoo araddaalee Hunda keessatti murni bilxiginnaa kaadiroota badiisa hawaasaaf guyyuu tarsimoo baafataniin maqaa boondii bitaa Jedhuun hawaasa dirqisiisuun maallaqa xiqqaa qarshii 100 irraa eegaluun hanga 10,000tti saamaa Kan jiran yoo ta’u,gibira waggoota dheeraaf hawaasni qarshii 50 kaffalaa ture gara 900tti ol guddisuun guuraa jiraachuu jiraattonni dabaluun dubbatu.

Dabalataanis aanaa Haramaayyaa araddaa Ifa Oromiyaa fi Haroo Adii keessatti qonnaan bultoota gandoota baadiyyaa keessa jiraatan irratti waraanni Maafi’aa PP fi Milishootni Wal qindeessuun doorsisa maqaa isin hiinaa fi ajjeesna jedhuun sodaachisanii gibira qarshii 2000tii hanga 3000tti guuraa akka jiran maddeen Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version