Quucarsaan diinagdee murna PPn ilmaan Oromoo irratti raawwatama jiru jabaate itti fufeti jira.
ONM-ABO Fulbaana 26, 2022 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Gaadduu Jabaa Sireetti humni badii bilxiginnaa qabeenya uummata sababa tokko malee meeshaalee mana keessaa xixxiqqaa irraa hanga guddaatti barbadeessuun horii gaanfaa qalatanii nyaatanii jiru.
Namoonni qabeenyi qarshii 100,000 olii irraa saamame
1ffaan Ayyelee kabbadaa Shoborra
2ffaan Basaayyee Waaqoo Dharoo
3ffaan Mi’eessaa Kabbadee Dhugoo
4ffaan Baatii fayisaa Dharoo
5ffaan Hoxxeessaa Gaddoo Malkaa
6ffaan Nootii Sorsaa Roobaa
7ffaan Safayii Waaqoo Sharaa
8ffaan Galmoo Bilbilee Gussaa
9ffaan Eliyaas Abbebee Dukkallee
10ffaan Widdee Taaddasaa Abbebee
11ffaan Fiqaaduu Sorsaa Roobaa
Warra doqdoqqeen irraan gubate
- Bekkelloo Neerroo Saalloyee
- Zelleqee Bariisoo Murtii
- Qilxaa Waddeessa Booraa
- Galgaloo Qilxaa Tukkaa kanneen jedhamanii fi kanneen biroo irratti saamichi geggeeffamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

