Godina lixa Harargee ona Habroo fi Ciroo keessatti namoota qaama hir’uu gara waraanaatti erguu fi gariin hidhaatti erga naqaniin booda mallaaqa irraa guurrachaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Fulbaana 27, 2022 Murni ilmaan Oromoo ulaagaa tokko malee seera idil addunyaa cabsuun Daa’imman, namoota qaama hir’uu fi fedhii malee dirqiin gara dirree leenjiitti geessu namoota didan hidhaatti erga naqeen booda ittin maallaqas saamaa jiru bilxiginnaan gocha badii isaa kana itti fufee jira.
Haaluma kanaan erga lollii kaaba impaayerattiitti marsaa 3ffaaf banameen booda namoota qaama hir’uu ta’anii fi kanneen waraanaaf seerri idila addunyaa hin eeyyamne daa’imman waggaa 18 gadii gara waraanaatti erguun cinaatti kan keessatti hirmaachuu hin dandeenye yookiin morman gara mana hidhaatti naquun qarshii 4,000 kafalchiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.
Ona Habroo Magaala Balballeetti keessatti kanneen ba’aa baatanii of jireessan ilmaan Oromoo godinaalee Oromiyaa biroo dhufan bakka isaan bulanitti adamsanii qabuun gara leenjiitti ergu.
Godinuma Lixa Harargee ona Ciroo keessatti abbootiin araddaa osoo hin hafin saamicha maallaqaa raawwachuu hammeessuun onicha keessaa abbaan araddaa Waaccuu Bosoqaa Muusaa Mahaammadsaanii kan jedhamu uummata saamuun qarshii 500,000n magaalaa Waltaanee keessaa mana kana bitate yoo ta’u abbootiin araddaa biroos gochuma wal fakkaataa raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa godina Lixa Harargee gabaasaniiru.

