Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee lixaa aanaa Ciroo keessatti jaarsi biyyaa tokko waraana faashistii PPn mana hidhaa keessatti ajjeefame

ONM-ABO Amajjii 12, 2024

Murni naasuu ilma namaaf hin qabne bilxiginnaan, sobaan namoota yakkuun gaaffii seeraatiif barbaadamta kan jedhu qabatanii,eeyyama mana murtii malee namoota sabboonummaa qaban funaanuun erga mana hidhaa galchaniin booda lubbuu baasuu fi qaama hir’uu taasisuu jabeessanii jiru

Haaluma kanaan kan wal qabatuun maanguddoon tokko Amajjii 7, 2024 lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Luugoo Baceysa jedhamu keessaa waraana faashistii PPn qabamee turtii guyyaa lamaan booda Amajjii 9, 2024 reebicha isa irra ga’een lubbuun akka darbetu dubbatama

Jaarsi biyyaa waraana safuu namummaa hin qabneen ajjeefame kunis maqaan isaa Amiin Ibroo kan jedhamu yoo ta’u,abbaa ilmaan sagalii akka ta’e odeessi jiraattota irraa arganne kan addeessu, obbo Amiin erga ajjeesaniin booda maatiif bilbiluun reeffa kan kennaniif kaadirootni PP,reeffa maanguddoo ajjeefamee qorannoof maatiin gara hospitaalaa geessuuf yeroo jedhaniitti maatii gadda Keessa jiran irratti karaa waraana PP reebichi akka irra ga’es dabaluun himu.

Exit mobile version