Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessatti daldalaan loonii tokko waraana faashistii PP’n ajjeefame

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2024

Ajjeechaan sanyummaa da’oo godhate erga Oromoo irratti koloneel Abiy Ahimediin labsamee waggoottan lakkoofsisaa kan jiru yoo ta’u, namoonni nagaan maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun yakkaman ammoo, hidhamuu, saamamuu fi ajjeefamuun  hireen isaanii hiraarfamuu ta’ee jira.

Hirmaataa siyaasa kamii kan hin taane  jaarsi biyyaa maqaan isaa Tamasgeen Dassaa jedhamu Waxabajji 6, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Mojoo jedhamutti waraana PP’n ajjeefamuun gatamuu jiraattonni ONM’tti himan.

Obbo Tamasgeen akkuma jalqaba irratti kaasne hojii daldala horiin maatii isaanii akka gargaarantu himama. Guyyaa ajjeefaman kanas ganda keessatti dhalatan ganda Gabaa-Sanbataa irraa gabaa Mojootti loon akka geessaa turan ibsaniiru.

Ajjeefamuun obbo Tamasgeen rakkoo siyaasaa qaamolee murni PP bobbaasee jiru waliin walitti isaan buusu hojjetanii osoo hin taane, maallaqa harka jiru saamuu qofaaf jecha ati deggaraa WBO’ti jedhanii ajjeesanis jedhu.

Waraanni faashistii kunneen  guyyaa naannoo sa’a 7:00’tti erga ajjeesaniis reeffa maatii dhorkachuun kaleessa Waxabajji 7, 2024 jaarsoliin biyyaa kadhatanii reeffa kaasuun akka awwaalanis ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version