Baga Kabaja Ayyaana Irreechaa Bara 6416/ 2022 nagaan geessan!
Irreechi Calaaqqee Aadaa fi Eenyummaa Oromooti.
(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)
Hunda dura Uummati Oromoo bal’aan Ayyaana Kabajaamaafi Jaalatamaa kana baga geessan jechaa ,Uummati Oromoo yeroo garaagaraatti Ayaana kana faana xiqqeeffamaa, Ayyyaanni kun akka baduuf darbees Oromoo biratti akka Jaarmiyaa Cubbuutti akka ilaalamuuf diinota Oromootiin hojii bal’aatu irratti hojjetame. Oromoon garuu, sana hundumaa keessa darbee Irreecha isaa sadarkaa har’a irra jiru kanaan ga’atee jira. Sadarkaa kana ga’uu Irreechaatiif Uummata Oromoo fi Qaama aantummaa Uummata kanaa qabuu alatti eenyullee kan gumaache tokko hin jiru. Kanaafuu Oromoo abbaa Irreecha kanaatiin Keessaaf ala kan jirtan Irra deebinee baga geessan jenna.
Oromoon yeroodhaa gara yerootti Sirnoota dhufaa darbaa jalatti Gabrummaa hamtuu keessa taa’ee, Yeroo Malkaatti deemullee akka waan kansaa hin taaneetti Qaamota Sirna Impaayera to’ataniin dararamaa yoomillee garuu duudhaasaa kanarraa hanqatee hin beeku. Kan ammaa kunis rakkoolee hamtuu hedduu keessummeessaa akka jiru qabatamaan argaa jirra.
Irreecha bara kanaa gaafa kabjnu:
Uummata keenya Oromiyaa bakkoota garaagaraatti haqi isaanii dabee Qe’ee isaa irratti Finxaaleyyoota Mootummaan bobbaasuun ajjeefamaa, buqqaafamaa, dararaa hamtuu argaa jiruu fi Wareegamtoota bara 2016 sammuu keenya keessatti yaadataa Oromoon Walaboomee akka fedha ofiitti akka waaqa isaa galateeffatuuf waaqa Uumaa kadhachuun dirqama.
Waluumaa galatti baga Ayyaana Irreecha Geessan jechaa, Gabrummaa kana jalaa baanee Oromiyaa walabaa keessatti akka waliin Irreeffannuuf Oromoon marti dirqamasaa ba’uu qabaanis dhaamsa Qeerroo Bilisummaa Oromooti.
Injifannoon Uummata Oromoof.
Fulbaana 29, 2022
Finfinnee, Oromiyaa

