Waraanni fashistii bilxiginnaa godina Harargee baha aanaa Dadar keessatti qeerroo Oromoo hidhuu fi gara adda waraanati erguuf adamsaani qaba jiraachuutu dhaga’amee.
(ONM-ABO Onk 7, 2022)
Rakkoo nageenyaa impaayeeratti keessatti umameen lollii gama Kaabaa Impaayeratti garee TPLF fi oromiyaa keessaatti ammoo waraanaa bilisummaa oromoo waliin ademsisa jiruu irratti fashistiin abbaa irree Abiyii Ahmed kasaara waraana guddaa keessatti kufee jira.
Godina Harargee baha aanaa Dadar gandoota akka Millee,Abdii fi Wadaayii keessaatti qerroowwaani fi ijoollee umuriin isani waraanummaaf hin genyee ilmaan hadhaa hiyyeessa humnaan qabe gara adda waraanattii fe’aa jiraachu maddeen Arraata biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Oduu biraatin godinumaa Harargee bahaa aanaa Dadar ganda Millee fi Wadaayii keessaatti waraanni shororkessaan PP qerroowwaan maqaan isaani Obsaa Shamsadiin fi Murtii Abdullazif dabaalate qerroowwaan hedduun kan maqaan nu qaqqaabiin yakka tokko malee hidhamanii akka jiran maddeen dabaalun ibsaniru.
Dargaaggonni kun badii kan hin qabnee fi siyaasa kan keessaayyuu hirmannaa kan hin qabnee ta’uu maddeen dabaalun ibsaniru.

