Waraannii fashistii Abiy Ahimed godina lixa Wallaggaa keessaatti hidhaa fi ajjechaa hammessanii jiraachuutu himame.
( ONM-ABO Waxabajjii 29,2022 )
Impayeeraa Itoophiyaa jalatti ilmaan Oromoon waggootan arfan kana keessaatti bifa adda ta’een qe’ee abbaa isaanii irratti kabajaan jiraachuu dadhabuu fi nagaan ba’anii galuun rakkoo ulfaataa itti ta’eera.
Goleewwan Oromiyaa keessatti bakki ilmaan oromoo itti hin hidhamanii fi ajjeeffamin akka hin jirre gochi murni bilxiginnaa guyyaa guyyaatti ilmaan Oromoo irraatti dalagaa jiru ni addeessaa.
Waraanni weerartuu impaayeraa Itoophiyaa maqaa seera kabachiisnaan Oromiyaa keessatti uummatatti bobbaafaman kayyoon isaanii inni guddaan ilmaan Oromoo irratti daguuggaa sanyii geggeessu, hidhuu fi saamuu akka ta’ee ifadha.
Haaluma kanan godina lixa Wallaggaa onoota akka Ayiraa, Gullisoo fi Yuubdoo keessaatti hidhaa fi ajjeechaan daraan hammaachuun jireenya uummatatti hadheessaa jira.
Ona Ayiraa ganda 01 keessatti nama eenyummaan isaa ammaaf adda hin ba’in torbee darbe keessaa mana hidhaatii baasanii ajjeesuun akka gatanii fi shammaran Oromoo nama lama mana hidhaatti daraaraa jiraachu jiraattotni ona Ayiraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaaniru.
Shamarran hidhamani jiran kunis Daraartu Yaadataa fi Liyyaa Yohaannis akka ta’e barameera.
Kana malees godina lixa Wallaggaa ona Gullisoo ganda Wayyuu Mannii keessattis murni bilxiginnaa ilmaan hidhanii jiru.
Ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhaman kunis Mulaatuu Tolasaa Yoonaas Ittaanaa Tasfaa Bookaa kan jedhaman yakka tokko osoo hin qabaatin Oromummaa isaanii qofan yakkamanii mana hidhaatti dararamaa akka jiran Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa oddeeffaateera.

