Godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaala keessatti waraannii bilxiginnaa hidhaa hammeessun cinatti mana hidhaatii baasuun ilmaan Oromoo ajjeessa jiru.
(ONM-ABO Onk 12, 2022)
Onoota lixa Wallaggaa keessaa aanaan Qondaala tokko yoo ta’uu kolonii impaayeraa Itoophiyaa jalatti ilmaan Oromoo nagaan ba’ani galuu dadhabuu fi mirgaa lubbuun jiraachu dhabuun onaa Qondaala keessaatti guyyaa guyyaan lubbuun ilmaan Oromoo darbuu fi hidhamuun jabaate itti fufee jira
Haaluma kanaan waraannii golessituu PP lixa Wallaggaa onaa Qondaala keessaatti ilmaan Oromoo hidhuu fi mana hidhaatti baasee ajjeesaa jiru Kun dilbaata darbee onkololeessaa 9,2022 nama nagaa maqaan isaa Abdurahamaan Galcha Asaffaa jedhamu mana hidhaa onaa Qondaalatti dararaa erga turanii booda mana hidhaatii baasuun ajjeessanii gatuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffatee jira.
Akka maddeen onaa Qondaala jedhanitti Abdurahamaan Galchaa Asaffaa hirmannaa siyaasa kamiyyuu nama hin qabne ta’uu himuun,badii tokko malee hidhamun mana hidhaatti baafamun ajjeeffame reffii isa bakkeeti gatamee jedhan .
Lixa Wallaggaa onaa Qondaala keessaatti waraanni faashistii impaayera Itoophiyaa ajjeecha ilmaan Oromoo irraatti rawwaachun cinaati hidha hameessun ilmaan Oromoo hedduu gandoota oniicha fi magaala Qondaala keessaa qabuun mana hidhaatti daraara akka jiran maddeen dabaluun himan.
Godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaala keessatti waraannii bilxiginnaa hidhaa hammeessun cinatti mana hidhaatii baasuun ilmaan Oromoo ajjeessa jiru

