Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa wallaggaa ona Laaloo Assaabiitti hidhaa fi dararaan ilmaan Oromoo irra ga’u jabaate

Godina lixa wallaggaa ona Laaloo Assaabiitti hidhaa fi dararaan ilmaan Oromoo irra ga’u jabaate.

ONM-ABO onko 25, 2022
Ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti nagaan ba’ani galuu fi jireenya dhuunfaa isaaniif bakka bakkatti socho’anii jiraachuu dadhabuun hidhaa fi dararrin qe’ee isaanii keessatti irra ga’u akka malee jabaatee jira. Gareen aangoo impaayeeratti of harkaan qaba jedhu bilxiginnaan ilmaan oromoo hidhuu fi daraaruu Akka furmaataatti fudhaatee socho’aa jiru, godina lixa ona Laaloo Assaabii keessaatti barataa Abdii Tayyee qormaata kutaa 12ffaa seensa yuuniversiti fudhaate gara mana maatiitti deebi’aa osoo jiru qabuun hidhaanui hanga amma badii tokko malee mana hidhaatti dararaa jiru. Barataa Abdii Tayyee malees namoonnii hedduun kan maqaan nu ga’iin aanaa Laaloo Assaabii kana keessatti hidhamanii jiru. Ona Laaloo Assaabii keessatti ilmaan Oromoo hidhuun cinaatti namoota daandii irratti argan cufa maqaa hidhaata waraana bilisummaa Oromoo qabda jechuun doorsiisuu fi reebuun miidhaa irraan ga’u. Kana malees waraanni bilxiginnaa mooraa Sameen keessaa qubsiffaamanii jiran jiraattoota irraan daraaraa fi miidhaa gessisa jiraachu maddeen himun, barattoota mana barnootaa irraa hambisuun hojii dhuunfaa isaanii hojiisiffachaa jiraachu maddeen onaa Laaloo Assaabii Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version