Godina Qellem Wallaggaa ona Laaloo Qilee fi Haroo Sabbuu keessatti ilmaan Oromoo hidhuu fi maqaa gibira funaanuu jedhuun uummata dararaa jiraachuun barame.
ONM – ABO – Sadaasa 26, 2022 Impayeraa Itoophiyaa jalatti ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii irratti hidhamuu, dararamuu, saamicha maallaqaa fi maqaa gibira kafalaa jedhuun doorsisni uummata irra ga’u waan laayyoo miti.
Gareen faashistii PP ilmaan oromoo hidhuu aadeffate dheengadda Sadaasa 24, 2022 godina Qellem Wallaggaa aanaa Laaloo Qilee ganda Billee Buubaa keessaa haadhaa maatii kan taatee aaddee Ebbisee Mangashaa badii tokko malee abbaa mana kee fidii jechuun kan qaban yoo ta’uu barataa Dawwiit Gammachuu ganda 01 keessa qabun mana hidhatti rakkisaa jiru.
Oduu biraatiin godina Qellem Wallaggaa ona Laaloo Qilee fi Haroo Sabbuu gandoota onoota kana lamaanii keessatti maqaa gibira walitti qabuu jedhuun uummata qaala’insa jireenyaan miidhamee ofifuu waan ittiin jiraatu dhabee jireenyi itti hadhaa’ee jiruti baasii humnaa olii itti ramaduun dirqamaan waraana uummatatti bobbaasuun maallaqa funaanaa fi kanneen hin qabnu jedhan hidhaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

