Finxaaleyyootni Amaaraa murna bilxiginnaan tumsaman godina baha Wallaggaa ona Kiiramuu keessatti uummata Oromoo 15 ol ajjeesuun dhaga’ame.
ONM-ABO Onkoloolessa 17,2022
Godina baha Wallaggaa Kiiramuu keessatti Finxaalleyyootni Amaaraa tumsa murna faashistii PP irraa argataniin ilmaan oromoo hedduu qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuun namoota hedduus ajjeesanii gariin ammoo madeessanii jiru.
Haala kanaas dheengadda Onkoloolessa 15,2022 ona Kiiramuu ganda Burqaa Soorrumaa keessaa nama obbo Gammachuu Margaa jedhamu manatti ajjeesuun miilaa fi harka isaa irraa kan muran yoo ta’u obboleessa isaa obbo Tashoomaa Margaa ijoollee isaa, mucaa durbaa tokkoo fi barataa kutaa ja’a waliin rasaasaan rukutanii madeessuun hospitaala Giddaa yaalaaf galanii jiru.
Ganda Caffee Soorrumaa kan magaalaa Kiiramuu irraa km 2 hin fagaanne irrattis obbo Olaanii Kumii manguddoo ganna 80 ajjeesuun Ayyalaa Qanaatee, Balaay Gammachuu, Warqinaa Garbaa fi ganda Lalistuu Somboo irraa Margaa Abbuyyee rasaasaan rukuchuun madeessanii jiru.
Kana malees onuma Kiiramuu ganda Guddina Jireenyaa irraa humnootni finxaaleyyii kun maanguddoo Olaanii Qallabii, obbobGammadaa Turaa nama ganna 45, obbo Tuulii, Qanaatee Abdannaa ilma isaa waliin, dargaggoo Kibbii Fiqaaduu, Dastaa Fiqaaduu, maanguddoo ganna 80 Mangistuu Dinquu, Dheerressaa Dabaloo abbaa maatii fi kanneen biroo maqaan nu ga’in namoota 15 ol dheengadda ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Ajjeechaa humnootni finxaaleyyii Amaaraa ilmaan Oromoo baha Wallaggaa ona Kiiramuu fi kanneen biroo keessatti raawwachaa jiran daangaa darbuu isaatiin uummatni waamicha tokkummaan roorroo kana dura dhaabbachuu waliif taasisuu maddeen dabaluun addeessaniiru.

