ONM-ABO Fulbaana 16, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqisuu, saamuu, mana irratti gubuu, ajjeesuu fi ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa irratti raawwatan jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti finxaaleeyyiin Amaaraa uummata nagaa irratti dhukaasa banuun ajjeesuu fi madeessuun himamee jira.
Aanaa Kiiramuu ganda Siree Dooroo jedhamutti Fulbaana 14, 2024 finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman akkuma amala isaanii Bilxiginnaan tumsaman nama maqaan isaa Alamirroo Rattaa jedhamu rasaasaan dhahanii ajjeesuun namoota maqaan isaanii Akiliiluu Fiqaaduu fi Margaa Hayiluu jedhaman immoo madoo ulfaataa irraan gahuu jiraattonni gandichaa addeessaniiru.
Akka jiraattonni kun jedhanitti, aanaa sana keessatti irra deddeebiin gochoonni gara jabinaa finxaaleeyyii Amaaraan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu kun ergamtoota Bilxiginnaan kan tumsamu yoo ta’u, badii isaan uummata irratti dabaree naanna’anii raawwachaa jiraniin uummatni aanaa Sibuu Siree yaadda’aa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

