ONM-ABO Bitootessa 13, 2025
Jibba sanyummaa Uummata Oromoof qabaniif jecha yeroo garaa garaatti daangaa Oromiyaa qaxxaamuranii seenuun ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa suukkanneessaa, saamichaa fi dararaa garaa garaa raawwachaa kan jiran finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman ammallee gocha gara jabinaa kana ittuma fufuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Gabaa Roobii bakka addaa Waaftii jedhamu keessatti Bitootessa 8, 2025 dargaggoota Oromoo lama haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Dargaggoonni hidhattoota Amaaraa kanneeniin ajjeefaman kunneen maqaan isaanii:
- Garramuu Lammaa fi
- Fiqaaduu Xiyyaar
kanneen jedhaman yoo ta’an, guyyaadhuma kana namoota hedduu jalaa ammoo qabeenya isaanii saamanii deemuu jiraattonni itti dabaluun eeran.
Finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen qe’ee keenya irraa nu ari’achuu erga eegalanii waggoonni 3 ol lakkaa’amanii jiru kan jedhan jiraattotni gandichaa, warreen afaaniin isin bulchina ofiin jedhan murni Bilxiginnaa ammoo nageenya keenyaaf gaafatamummaa fudhachuu hin dandeenye. Sanuu yeroo nuti itti iyyannu “Waraanni Bilisummaa Oromoo isiniif haa birmatu” jechuun nutti qoosu. Wayita WBO’n finxaaleeyyii kanneen uummata irraa dhorkuuf dhufu ammoo lola irratti banuun gufuu itti ta’u jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

