ONM-ABO Fulbaana 20, 2025
Yeroo garaa garaatti daangaa Oromiyaa qaaxxamuranii seenuu fi warreen achi keessatti bara rakkina jireenya fooyyeffachuuf dhufan wal ijaaruun qonnaan bultoota Oromoo irratti ajjeechaa suukkanneessaa fi saamicha addaa addaa raawwachaa kan jiran finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman, gochoota suukkanneessoo uummata Oromoo irratti raawwatan ammallee hammeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Fulbaana 19, 2025 godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa Bulchiinsa magaalaa Luugoo keessatti finxaaleeyyiin kunneen:
- daa’ima waggaa 5 maqaan isaa Miikii Habtaamuu Sambatoo jedhamuu fi
- hogganaa bulchiinsa Lafaa magaalichaa abbaa ijoollee 2 kan ta’e nama maqaan isaa Girmaa jedhamu
badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaan yoo ajjeesan, bulchaa magaalichaa nama maqaan isaa Taarraqeny Fayisaa jedhamu ammoo miilla isaa irra rasaasaan madeessuudhaan yeroo ammaa hospitaala Riferaala Naqamtee keessatti yaalamaa kan jiru yoo ta’u, fayyummaan isaa haala yaaddessaa irra jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni haala suukkanneessaan ajjeefaman kunneen hojjettoota mootummaa bakka biroo irraa garas deemanii hojjetan yoo ta’an, osoo isaan mana maatii daa’ima ajjeefame kanaatii irbaata nyaachaa jiranii murni gara jabeeyyii Amaaraa kunneen itti ol seenanii dhukaasa itti banuun haala nama sururuun ajjeesanii deemuu dubbatu.
Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman kunneen tibba darbes godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo keessatti ajjeechaa jumlaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuudhaan qabeenya uummatichaa irrattis saamicha geggeessuun qe’ee isaanii irraas buqqisanii turuun kan yaadatamuudha.

