Godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti ilmaan Oromoo sadii ajjeesuun kanneen biroo hidhuun himame.
ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2022 Murni ilmaan Oromoo ajjeesuun aangoo nama dhuunfaa tiksaa jiru bilxiginnaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti daran isa duraa irra hidhaa fi ajjeechaa ammeessee jira.
Haaluma kanaan dheengadda Onkololessa 16, 2022 ganama badii tokko malee hospitaala magaalaa Mandii keessaa baasuun isin waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun namoota sadii ajjeesan.
Namootni waraana bilxiginnaa kanaan ajjeefaman keessaa kan maqaa arganne Yohaannis Gabayyoo fi Muzayyeen Waggaa kan jedhaman yoo ta’u erga ajjeesanii daandii cirracha gurraacha irratti gataniin booda reeffi isaanii akka hin kaane dhorkachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ajjeechaa kana malees onuma Mana Sibuu kana keessatti shamarree tokko fi dhiira afur saddetii hidhanii konkolaata 3Fn gara daannoo isaaniitti dabarsanii hedduu akka hiraarsaa jiran himuun ammaaf eenyummaa namoota hidhamanii adda baafachuun hin danda’amne.
Uummanni magaalaa Mandii nagaan ba’ee galuu dadhabuun sodaa hamaa keessa galanii jiru.
Uummanni baadiyaa irraa magaalaa dhaqee waan barbaadu argachuu dhabuun miidhamaa jiraachuu kan ibsan jiraattootni keessattu gandeen baadiyaa kanneen akka ganda Guunfii, Waankii fi Facaaseetti daandii cufuun addaan kutanii jiru.

