Ona Giddaa Ayyaanaa bakka addaa Gaara Dichoo jedhamutti hidhattoonni Amaaraa Imaltoota heedduu Ajjeesuun himame.
[SQ Onkoloolessa 29/2022]
Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaa bakka addaa Gaara Dichoo jedhamuun beekamutti, haleellaa guyyaa har’aa jechuunis, Onkoloolessa 29, 2022 imaltoota gara Magaalaa Naqamteetti konkolaataan imalaa turan irratti dhaqqabsiisaniin heedduu yoo ajjeesuu fi kanneen haleellaa sana irraa hafan ammoo butanii deemuu odeessi gamasii nu gahe ni mul’isa.
Akka odeessi Onicha irraa Sagalee Qeerroof ergame ibdutti, humnoonni kun Faannoo fi Milishoota Amaaraa ta’uun beekameera. Konkolaataa Onoota Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Eebantuu, Haroo Limmuu gi Limmuu Galiilaa irraa gara Naqamtee imalu hunda saamaa kan jiranii fi har’a sa’atii waaree irratti ammoo konkolaataa Ona Giddaa Ayyaanaarraa gara Naqamtee imalaa ture irratti dhukaasa jabaa bananiin namoota heedduu fixaniiru.
Haleellaa dhaqqabe kanaan kanneen dhuman barattoota barnootaaf deema jiranii fi haadha da’umsaaf imalarra turte ta’uullee odeeffanneerra.
Hanga ammaatti balaa kanaan kanneen lubbuun darbe baay’inaa fi maqaa isaanii adda baafachuu hin dandeenye. Harmee maqaa isaanii Fayyinee Alamaayyoo jedhamtu ulfa ji’a sadeetii (8) kan da’umsaaf gara Naqamtee deemaa turte ammoo rukutamuun yeroo ammaa Hospitaala Giddaa Ayyaanaa jirachuun barameera. Haala yaaddessaa keessa jiraachuunis dhagaa’ameera.
