Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ona Giddaa Ayyaanaa Magaalaa Angar Guutee fi Andoodee Dichoo Keessatti Uummanni fi Poolisoonni Humna Addaa Oromiyaa Heedduun Qindoomina PP fi Naannoo Amaaaraan Ajjeefamuun Dhagaa’ame

Ona Giddaa Ayyaanaa Magaalaa Angar Guutee fi Andoodee Dichoo Keessatti Uummanni fi Poolisoonni Humna Addaa Oromiyaa Heedduun Qindoomina PP fi Naannoo Amaaaraan Ajjeefamuun Dhagaa’ame.

[SQ Mudde 4/2022]

Guyyaa kaleessaa jechuunis Mudde 3, 2022 irraa eegalee humnoonni mootummaa naannoo Amaaraa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta’uun duula Oromoo fi Oromummaa balleessuu Ona Giddaa Ayyaanaa Magaalaa Angar Guutee fi Andoodee Dichoo jedhaman keessatti raawwataa jiraniin uummanni meesha-maleeyyiin heedduun ajjeefamaniiru.

Haleellaa humnoonni kun gaggeessaniin hawaasa nagaa dhibbootaan lakkaa’amanii fi Humna Addaa Poolisii Oromiyaa gara nama 200 ta’an dabalatee heedduun ajjeefamuun barameera.

Humnoonni kun deggersa meeshaa waraanaa ammayyaa fi jajjaba ta’e Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argachuun lola qindaa’aa kan banan yoo ta’u, magaalota kanneenii fi gandoota biroo dabalatee bakkoota heedduu weeraraniiru. Haleellaa kanaan qabeenyi uummataa heedduun manca’uun, kanneen kumootaan lakkaa’aman ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamaa jiraachuu odeessi arganne ifa godha.

Humnoonni kun Poolisii Humna Addaa Oromiyaa baay’inni isaanii 30 ta’u, meeshaa waraanaa fi konkolaataa isaanii heedduu waliin butanii gara bakka addaa Tuullu Gaanaa jedhamutti geessuunillee barameera. Daandiin Buree kan Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa wal qunnamsiisu humnoota Faannoon to’atamee, akkasumas Naqamtee irraa gara Giddaa Ayyaanaa kan geessu ammoo bakka addaa 24 jedhamutti humnoota kanaan cufamuunis beekameera.

Yeroo ammaa kana humnoonni wal ta’an kunneen Onoota Kiiramuu fi Amuuruu guutummaa keessaa uummata buqqisuun qabatanii, Onoota akka Giddaa Ayyaanaa fi Saasiggaa keessatti ammoo lola cimaa gaggeessaa jiraachuu odeessi Onicha irraa Sagaleen Qeerroo argate ifa godha.

Exit mobile version