Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti finxaaleyyoonni Amaaraa tarkaanfii hawaasa nagaa irratti fudhataniin, namoonni sadii ajjeefamuun dhaga’aame

ONM-ABO Bitootessa 1, 2024

Godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Handoodee Dichoo jedhamutti Guraandhala 28, 2024, dargaggoonni sadii humna badii finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoon of waamuun badii tokko malee osoo isaan bakka Angar Guutee irraa gara Giddaa Ayyaanaatti deemaa jiranii bakka Handoodee Dichoo jedhamutti qabuu isaanii galaafatanii jiru.

Maqaan dargaggoota kanneeniis Eebbaa Fufaa, dhalataa Aanaa Limmuu Warroo, Qalbeessaa Biraanuu, dhalataa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Waajjaa, Fayisaa Galatuu, Aanaa Haroo Limmuu, ganda Sagiroo ta’uun isaaniis beekameera.

Dargaggoonni kunneen aanaalee gara garaatti kan dhalatan yoo ta’u, magaalaa Angar Guutee irraa gara magaalaa Giddaa Ayyaanaa imalaa yeroo turanitti finxaaleyyoonni kunneen bakka addaa Andoodee jedhamutti eeguun konkolaataa irraa buusanii rasaasa itti roobsuun, namoonni sadii ajjeefamuun, kanneen biroon madaa’uu maddeen keenya gabaasaniiru.

Bakka kanatti irra deddeebiin qaamonni Finxaaleyyiin kun tarkaanfii hawaasa nagaa irratti fudhataa kan turan yoo ta’u, hidhattootni murna bilxiginnaan bakkicha qubsiifamanii jiranis maal na dhibdeen humnoota kana irratti ilaaluus dabaluun ibsaniiru.

Godina Qellem wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti Hidhaa, Saamichaa, qabanii achi buutee dhabamsiisuu fi ajjeechaa suukanneessaan irra deddeebiin waraana murna ppn uummata nagaa irraatti jabaachaa jiraachuun himame.

Exit mobile version