Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee lixaa bulchiisa magaalaa Roobee keessatti maqaa gibiraan saamichi geggeeffamu jabaachuu jiraattootni dubbatu

Godina Baalee lixaa bulchiisa magaalaa Roobee keessatti maqaa gibiraan saamichi geggeeffamu jabaachuu jiraattootni dubbatu.

ONM – ABO – Sadaasa 1, 2022 Murni bilxiginnaa deggersa maallaqaa biyyoota dhiyaa irraa erga dhabee uummata hiyyeessaa fi qaala’iinsi jireenya itti hammaate maqaa garaagaraa moggaasuun uummata saamaa jira. Torban darbee kaasee Baalee Lixaa bulchiinsa magaalaa Roobee keessatti maqaa gibiraan maallaqa humnaa olii uummata irraa funaanaa jiru. Uummata qaala’iinsi jireenyaa mataa joonjesse dukkaana xiqqootti qarshii 20,000 hanga 50,000tti gaafachuun namoota dandeenye hin kafallu jedhan mana keessan mana murtiitii waraqaa baasnee caalbaasiin gurgurra jechuun doorsisaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru. Baatii darbe keessas maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa jedhuun haati hiyyeessaa osoo hin hafin maallaqa irraa guuranii lola uummaticha hin ilaallannee fi bittaa rasaasaa akkasumas qallaba warreen nama nagaa ajjeesaniif oolchaa turuun ni beekama.

Exit mobile version