Sadaasa 13, 2022 WBO’n Godina Bahaa Wallaggaa Ona Waamaa Hagaloo keessatti diina aleeluun magaalaa Moxee dhuunfate.
ONM – ABO Sadaasa 13, 2022
WBO’n duulu koloneeffattootaa fi baattoo sirna kolonii Oromiyaa keessaa qulleessuu itti fufuun barii har’aa, sadaasa 13, 2022 barii yaasaa saree sa’a 12:00 irratti Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Moxee Seenuun loltoota diinaa baarudaan macheessee rasaasaan akaa’ee du’aaf madoon adabuun magaalaa keessaa gussee magaalaa moxee dheenfatee jira.
Tarkaanfii kanaan meeshaaleen waraanaa addaa addaa WBO tiin booji’amanii jiru, hidhamtoonni siyaasaas manneen hidhaa gandaa fi magaalaa keessaa bilisa ba’anii jiru.
Gama hawwaasaatiin hawwaasni bakka tokkotti akka walitti hin qabane, daandiitti yaa’ee akka hin dhaabbanne ajajajaan WBO naannoo dhaamee jira.
Guutuu gabaasa Injifannoo kanaa akkuma arganneen walitti deebina.
Injifannoon Uummata Oromoof!

