Waraanni murna bilxiginnaa godina Baalee lixaa aanaa Dinshoo keessatti WBO nyaachiftan jechuun haadha ijoollee shanii qabanii gudeeddii irratti raawwachuun barame.
ONM – ABO – Sadaasa 25, 2022 Murni bulchiinsa abbaa irree Abiy Ahimediin hogganamu bilxiginnaan waraana isaa uummatatti bobbaasuun gocha garaa jabeenyaa uummatni Oromoo bara kamittuu argee hin beekne raawwachaa jira. Akka kanaanis waraanni murna bilxiginnaa godina Baalee lixa aanaa aanaa Dinshoo ganda 01keessatti baatii Fulbaanaa darbe Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachifta jechuun haadha ijoollee shanii kan taatee aaddee Ruuqiyyaa Hajii halkan mana cabsanii qabanii deemuun waajjira pooliisii aanaa Diinshoo dudduubaa dabarsuu bargammoo keessatti nama lamaan dabareen itti wal jijjiiranii dirqiin erga gudeedanii halkan keessaa sa’a 8:00titti wajjiira pooliisii aanaatti darbaanii biraa deeman. Dubartii haadha ijoollee shanii kana ragaa irratti erga dhabaniin booda halkan sana mana hidhaatii baasanii gara manaatti geessuun qarshii 20,000 fi meeshaalee mana saamuun halkanuma sana daandii irraa gorsaanii rifeensa qooraa irraa aadanii jiraachuu maddean Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Murna bilxiginnaa waggoottan arfan darban kana keessatti lubbuu namoota nagaa kumootaan ajjeesaa, hidhaa, safuu hawaasaa cabsaa, gudeedaa fi qe’ee irraa buqqisaa har’as carraa miidiyaa argatu cufatti Oromoo bakka bu’ee akka jiruu fi badhaadhina sabicha gonfachiisuu akka danda’utti of ibsuun isaa qaanfachisaadha jechuun yaada isaanii dabaluun ibsaniiru.

