Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa isaaniif jecha Godina Baalee Lixaa Aanaa Dinshoo keessatti uummata nagaan waliin jiraatu walitti buusaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Amajjii 2, 2025 

Aangoo of harkaa qabanitti fayyadamuun dantaa sabaa irra kan isaanii eeggachuuf kan dhama’an ergamtoonni bilxiginnaa akka waan sabichaaf yaadaniitti afaan nagaa itti dubbachaa duubaan ammoo afaan qawwee itti qabuun hiraarsaa jiru.

Godina Baalee Lixaa aanaa Dinshoo ganda Mi’oo jedhamu keessatti Bilxiginnaan kan hoogganamu manni murtii onichaa uummata kanaan dura tokkummaa fi jaalalaan waliin jiraatu, gaddaaf gammachuu waliin qooddatee rakkoo hedduu waliin ba’aa ture faayidaa isaaniif jecha, qonnaan bulaan tokko lafa kanaan dura gurguree yoo jiraate deeffachuu danda’a seeratu isa deggera jechuun mirga kan kennaniif oggaa ta’u, uummanni yeroo rakkoof wal biraa liqeeffatee wal jiraachisaa ture holola kanaan qabeenyaa irratti wal loluun haadha hiyyeessaa boochisaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Exit mobile version