Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Lixaa Aanaa Dinshootti Kaadiroonni PP uummata irratti saamicha hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Godina Baalee Lixaa aanaa Dinshoo gandoota mara keessatti yeroo ammaa jaleewwan Bilxiginnaa garaa isaanii guuttachuuf dhama’an sababoota garaa garaa kalaqatanii daandii irratti ba’uun saamicha daangaa darbe jiraattota irratti adeemsisaa jiru. 

Keessattuu namoota ‘Gaarii Fardaa’ harkisuun hojii guyyaa hojjetanii of jiraachisan heyyama haqa-qabeessa hin qabdan jechuun qabanii dhaabuun qarshii 1500-2000 irraa fuuchaa jiraachuu jiraattonni dubbatu. 

Kana malees ergamtootni PP aanichuma gandoota hunda keessa faca’uun maqaa kaffaltii adda addaa kanneen akka inshuraansii fayyaa, buusaa gonofaa, gibiraa fi taaksii akkasumas ijaarsa waajjira gandaa jechuun namoota harka qalleessa waan ittiin of jiraachisan hin qabne irraa  qarshii 3000-5000 kanneen jireenya fooyya’aa jiraatan ammoo qarshii 7000-10000 itti murteessanii afaan qawwee itti qabanii saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Miira namummaa fi dhala namaaf yaadu kan hin qabne Bilxiginnaan maqaa galii guddaa walitti qabuu jedhuun kutaalee Oromiyaa mara keessatti kaadiroota isaa bobbaasuun saamicha ulfaataa uummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru. 

Exit mobile version