Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloo keessatti kaabineen magaalichaa konkolaataa mana namootaa keessa baaseen qabeenya qarshii miliyoona walakkaa olii miidhuun barame

Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloo keessatti kaabineen magaalichaa konkolaataa mana namootaa keessa baaseen qabeenya qarshii miliyoona walakkaa olii miidhuun barame.

ONM – ABO – Muddee 3, 2022 Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo ganda 04 naannoo gamoo Nabiyyuutti Roobii darbe Sadaasa 30, 2022 galgala sa’a 2:00 keessa dhimmi nageenyaa bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloo obbo Eliyaas Misiyoonii dhugaatii dhugee machaa’ee osoo konkolaataa oofuu daandiirraa maquun bo’oo lolaa irra darbee mana lama keessa ba’uun miidhaa qaqqabsiisee jira. Miidhaa aanga’aan oftuulaa bilxiginnaa machaa’ee qaqqabsiiseen meeshaaleen qarshii miliyoona walakkaa olitti tilmaamamu barbaada’eera. Manni konkolaataan keessa ba’ee caccabe kun kan obbo Tamasgeen Gabiree Saadiq yoo ta’u, kan kireefatee keessatti daldalu garuu obbo Shifarraa Mitikkuu jedhama. Obbo Shifarraan duraan mi’a elektirooniksii osoo gurguranii amma dabalataan kottolleessaa yookaan Firiijii hojii dhaabe sirreessuun galii maddisiifachaa kan turanii fi miidhaa konkolaataan kun manicha irraan ga’een kottolleessaan namootaa suphiinsaaf isaan bira dhufe caccabeera. Konkolaataa kana aanga’oonni murna bilxiginnaa dheengadda Muddee 2, 2022 iskaavaaterii fiduun keessaa baasuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru. Magaalaa Dambii Doolloo keessatti baatii muraasa duras aanga’an bilxiginnaa konkolaataa daandii gubbaa irratti shaakalaa ture naannoo mana suphaa konkolaataa yookaan Garaajii Juuvaaniitti dubartii aadde Yashii jedhamtu rukutee ajjeesuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version