ONM-ABO Sadaasa 1, 2023
Gareen maafi’aa PP maallaqa mana qopheessaa fi baajata mootummaan diriirfamu akkasumas hawaasa irraa maqaalee adda addaa itti baasuun miliyoonaan funaanan akka fedhanitti waliif qooduu dadhabuun godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti wal hidhuu eegalan.
Kaleessa Onkoloolessa 31, 2023 magaalaa Dambi Dolloo keessatti kantiibaa magaalichaa Ashanaafii Duulaa, Lalisaa Abarraa amma itti gaafatamaa Geejjibaa, Abbaayinesh Tesfaayee Itti gaafamtuu mana qopheessaa kan turte qabanii hidhanii jiru.
Kana malees Isiraa’el Geetaanee waajjira faayinaansiitti cheekii kan mallatteessu, Beezaawwit Tabajjee, Alamuu Waajjiraa galii irraa fi Bayeessaa qarshi qabaa faayinaansii kan qabanii hidhan yoo ta’u, namootni kun maallaqa kana itti gaafatamtoota paartii kan magaalaa, godinaa, bulchaa godinaa, itti gaafatamtoota waajjira nageenyaa fi qondaaltota waraanaa maqaa Komaandipoostiin magaalicha keessatti hojjetan waliin nyaachaa turuu hojjettootni waajjirichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Haa ta’u maleen gareen dantaa irratti Wal dhabe akka waan faayidaa uummataaf hojjetanii fi rakkoo hojiimata hojii sirreessuuf tarkaanfii fudhatanii, akkasumas malaanmaltummaa irratti qabsaa’anitti uummata magaalichaa goyyoomsuuf yaaluu irraan kan hafe bilxiginnaan dhuguma hundee irraa rakkoo hawaasaa furuu fi hojimaata badaa sirreessuuf hojjachaa akka hin jirre keessa beektotni kun dabaluun ibsaniiru.

