Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii shan godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloo irraa WBOtti harka kennatan

ONM-ABO Waxabajji 17, 2023

Dhaabbatni waraana bilxiginnaa tokkummaa dhabuun keessoon wal nyaachuu fi kaayyoon lolaniif wallaalamuun okkora isaan gidduutti uumamuun qawwee fi hidhannoo gatanii fi qabatanii kan keessaa ganan hedduudha.

Keessaayyuu ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’an sirnicha ganuun WBOtti makamuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Wiixata darbe Waxabajji 12, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 5 mooraa waraana bilxginnaa godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo irraa sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii duraanii kunneen gocha hammeenyaa murni faashistii PP ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jirutti gadduu himuun gocha sirnicha keessatti raawwataniif uummata Oromoo dhiifama gaafatanii jiru.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baatanii garbummaa uummata Oromoo irratti jabeessaa jiraniin, hojiin isaanii kun sirrii akka hin taane himuun saba isaaniif bilisummaan akka dhufuuf meeshaa isaanii qabatanii WBOtti akka makaman waamicha dhiyeessanii jiru.

Exit mobile version